Godina addaa Saba Oromoo Walloo Aanaa Jiillee Dhummuuggaatti humnoonni finxaaleyyii faannoo uummatarratti lola banuu maddeen himan.

Lola humnoonni kunneen bananiin uummatarraa namoonni ajjeefamuufi madaa’uu maddeen himaniiru.

Guyyaa har’aa Amajjii 3 bara 2024 Aanaa Jiillee Dhummuuggaa kallattii Amaan gabayaa, Waaccuun lola jabaa banani jiru jedhame.

Humnoonni mootummaa gidduu seenuun hojii seera kabachiisuu osoo hin taasisiin jiraachuu himuun, uummanni ofirraa ittisuutti jira jedhaniiru.

Kaaba Oromiyaa Walloo yeroo adda addaa bakkeewwan xiyyeeffannaa humnoota halagaa jala jiran keessaa tokko yoo taatu, lolli keessaa dhabamee hin beeku. Hawwaasa nagaa Oromoo irratti humnoonni Amaaraa meeshaa waraanaa guddaa fayyadamuun wayiita lola bananitti gama mootummaan humnoota Amaaraa deggaruun meeshaa hidhachiisuu malee nageenya hawwaasa nagaa eegsisuun biraa argamee hin beeku.

Gabaasni arganne kan eereen godina addaa Saba Oromoo Walloo Aanaa Jiillee Dhummuuggaa irratti guyyaa kaleessaa Amajjii 3 bara 2024 lola humnoonni finxaaleyyii faannoo bananiin uummatarraa namoonni nagaa ajjeefamuufi kaan immoo madaa’uu jiraattonni himan.

Lolli kun hanga har’a guyyaatti itti fufee jira. Humnoonni faannoo kaleessa uummata irratti lola banuun hanga guyyaa kanaatti namoonni jaha ta’an ajjeefamuu eerameera.

Ta’us lolli itti fufee waan jiruuf lakkoofsi namoota ajjeefamanii dabaluus waan maluuf kan ajjeefameefi madaa’e lakkoofsaan murteessuu hin dandeenyu jedhan.

Aanaa Jiillee Dhummuuggaa kallattii Amaan gabayaafi Mulowwaa jedhamuun lolli itti banamuu jiraataan kun hima. Dingoo Umarshaa, Abdallaa Hasan, Aliyyii Mahammad, Hasan Sayid fi Mahammad Yadalii, warra ajjeefamani maqaan arganne keessaati.

Hanga har’a guyyaa kanaa oduu kana qindeeffanneetti humnoonni mootummaa birmannaa taasisuun lola kana tasgabbeessuuf sochiin taasisan hin jiru jedhaniiru.

Lola tibbana adeemaa jiru kanaanis uummata Oromoo irra miidhaan guddaa kan dhaqqabe ta’ullee hawwaasni waliin ta’uun of ittisaa jiraachuu gabaasaaleen arganne mirkaneessanii jiru. Hawwaasni Oromoos gama danda’uun akka dirmatuuf dhaamameera.

Leave a Reply