Godina Jimmaatti WBO deggarta jedhamuun nama reebichi waraana mootummaan irra gahe ijji duraa jaamuu himame.

Maqaa deggaraa WBO fi kanneen WBO sooran jedhamuun dararaaf hiraarsaa Oromiyaa keessatti dhaqqabaa jiruun uummati nagaan aarsaa qaqqaalii kaffalaa jira. Inumaa bulchiinsi PP ammaa seeraaf heera biyyattii kabajee kan hin deemne ta’uun madda yaadoo olaanaa hawwaasatti ta’eera.

Gabaasa arganneen Mahdii Abbaa jabal Abbaa Warri godina Jimmaa Aanaa qarsaa bakka Sarboo ganda Gunjuu jedhamu keessatti loltoonni mootummaa WBO deggarta jechuun reebicha ulfaataa irraan gahuun ijji isaa akka jaamu taasisan jedhamuun gabaafame. Taateen kun Gurraandhala 25,2016 akka lakkoofsa Itoophiyaatti kan raawwate ta’uu gabaafamee jira.

Namni kun Ijja isaa tokko Dhabeera Lafee cinaacha isaa cabeera mataan isaa bakka hedduun tatarsa’uu magaalaa sarbootti hidhamee ture yeroo ammaa bakki inni jirus kan hin beekamnee ta’uu baramee jira.

Godina Jimmaa keessatti dararaa suukanneessaa uummata irratti raawwachuun kun kan jalqabaa miti. Hawwaasa walitti qabame gidduu jilbeenfachiisanii reebuu, kabajaa namummaa irraa mulquurraa hanga ajjeechaa hammaataa raawwachuutti kan deeman caasaaleen mootummaa yakka raawwatan itti fufanii jiraachuu gabaasichi caqasa.

Leave a Reply