Walga’ii gamtaa Afrikaa irratti ol seenuu na dhorkuuf yaalan jechuun Loltoota mootummaa Itoophiyaa kan komate Peresedaantiin Somaaliyaa walgahicha addan kutee bahuun isaa himame.

Pireezidantiin Somaaliyaa turtiisaanii Finfinnee adda kutuun Moqdishootti deebi’uu miidiyaaleen gabaasaa jiran. Peresedaantii Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad fi muummee Ministeera Itoophiyaa gidduu tibbana wal gaarreffannaan jiru hadiiduma guyyaan oolee bulu dabalaa dhufeera.

Qilleensa kiyyarra Xiyyaarakee hin balaalistuurraa hanga galma Walga’ii wal dhorkachuutti adeemaa kan jiran gaggeessitoonni biyyoota lamaanii kunneen, erga waa’een walii galtee ulaa galaana Diimaa Itoophiyaa fi Somaaliilaandi waliin mallattaa’ee as inumaa sadarkaan lola isaanii waraanaan walitti dhaadachuutti ce’eera.

Peresedaantiin Somaaliyaa yaada Somaliland biyya of dandeessedha jedhu fudhachuun hafee yaadni akkanaa akka ka’u waan barbaadan hin fakkaatu. Somaliland biyya Somaaliyaa keessaa tokko taatee akka Tigraay naannoolee Itoophiyaa jalatti waamamtudha jechuun kan ibsan peresedantichi, walii galteen Somaliland lafa ulaa galaanaa laattee Itoophiyaa beekamtii biyyummaa Somaliland kenniti jedhu yakka jechuun falmu.

Inumaa seera idil addunyaan ittiin bultu cabeera jechuun Somaaliyaan Itoophiyaa himatti. Gama isheen Itoophiyaan himata kana waan fudhattu hin fakkaatu. Somaliland ammoo inumaa biyya of dandeessee waggaa dheeraaf beekamtii biyyummaa dhabdee adimaa taatee barootaaf bulaa jirtuuf yaadni Itoophiyaan kenniteef gammachiisuu hin oolle. Ta’us akkaataa Itoophiyaan ulaa galaanaa niin argadha jettee miidiyaa isheen gabaasteef Somaliland yaadde waan wal simu hin fakkaatu. Somaliland bakkoota Itoophiyaa faalleessitus haa qabaattu malee dhimmi ishee ajandaa addunyaa ta’ee afarfuun gammachiisuu hin oolle.

Kun kanaan osoo jiruu Pirezidantiin Somaaliyaa humnoonni nageenyaa mootummaa Itoophiyaa walgahii Gamtaa Afriikaa Finfinnee irratti akka hin hirmaanne ”na dhorkuuf yaalan” jechuun erga himatanii booda turtiisaanii Finfinnee addaan kutuun gara Somaaliyaatti deebi’uun gabaafame.

Hariiroon Somaaliyaa fi Itoophiyaa gidduutti erga qorree booda, yeroo jalqabaaf walgahii Gamtaa Afrikaarratti hirmaachuuf Finfinnee kan dhaqan Pirezidant Hasan Sheek Mohaammad, humnoonni nageenyaa Itoophiyaa walgahicharratti akka hin hirmaanne na dhorkuuf yaalaniiru jedhanii himatan.

Dhaabbanni oduu Turkii Anadoluun akka gabaasetti, pirezidantichi walgahii Gamtichaa guyyoota lamaaf gaggeeffamee Dilbata kora xumuramuu addaan kutuun Sambata halkan gara Moqdishootti deebi’an.

Pirezidantichi fi jilli isaanii walga’ii kanarratti hirmaachuun booda Finfinneetti gaazixeessitootaaf akka himanitti, Sambata hoteela isaanii keessaa ba’anii waajjira muummee Gamtaa Afrikaa seenuuf yeroo yaalan humnoota nageenyaa hidhataniin akka ittifaman himan.

Ta’us Itoophiyaan ammoo nageenya hoggantoota gamtaa Afrikaaf hirmaattota marichaa tiksuuf dirqaman qabun bahe malee hin dhorkine jechuun himata kana haalti. Itoophiyaan miidiyaaleef deebii himata kanaan wal qabatuuf wayiita deebiftetti eegdonni Peresedaantii Somaaliyaa hidhannoon galma walgahichaa akka hin seenne ittisuu himteetti.

Dubbiin wal atakaaruu biyyoota lamaan gidduu garamitti adeemaan madda taaddoo mataasaa danda’ee kan ta’e yoo ta’u, tarii hariiroon biyyoota lamaan kunneeniin mariin nii dhumataaf waranaatti adeemuun ammatti ifatti wanti beekame hin jiru. Ammatti Itoophiyaan ollaa ishee kan taate Somaaliyaa fi Eertiraa waliin michummaa bareedaa waan qabdu hin fakkaatu.

Leave a Reply