Yuunivarsitii Hawaasaatti balaa isa mudateen barataan lubbuu dhabe, Yuunivarsitii Mattuutti ammoo barataan tokko of ajjeesuu himame.

Yuunivarsitii Hawaasaattii Barataan Habiib barataa Muummee “Governence and Developmental studies” waggaa 2ffaa du’aa Addunyaa kanarraa boqoteera.

Barataan kun gaafa guyyaa Gurraandhala 29,2024 akkuma qormaata irraa baheen gamoo “White house” darbii shanaffaa irraa akka tasaa kufee Hospitaala Riferaala Hawaasaatti yaalamaa ture.

Barataa kanaaf yaaliin godhamaa turus guyyaa Kaleessaa jechuunis Bitootessa 3,2024 addunyaa kanarraa lubbuun isaa boqoteera.

Gama kaaniin Yuunivarsitii Mattuutti Barataan tokko of ajjeesuu gabaafameera. Yuunivarsitii Mattuutti Kolleejjii Saayinsii Hawaasaa fi Namoomaa keessatti barataa waggaa 4ffaa kutaa afaanii fi ogbarruu Ingiliffaa kan ta’e, barataa Qaalaqaab Awudee Takkuu kan jedhamu of ajjeesuu maddeen himan. Barataan kun maaliin akka of ajjesse waan eerame kan hin jirre akkasuma sababaa maaliif sadarkaa of miidhuurra akka gahe waan barame hin jiru.

Itoophiyaa keessatti sababaa abdii kutannaa irraa kan ka’een of ajjeesuun yeroo garaa garaa nii mul’ata. Biyyattii keessatti bara kana ammoo dhimmooti barnootaan wal qabatan ulaan isaa sadarkaa cuccufachuurra gahuun barataan akka haamilee dhabu taasisee jira. Qaala’insa jireenyaa biyyattii mudatee jiruunis hojjetaan mootummaa sadarkaa abdii kutachuurratti argama.

Leave a Reply