Shawaa Bahaa Fantaalleetti WBO’n haleellaa fudhateen injifannoo gonfachuu maddeen himan.

Oromiyaa keessatti lolli WBO fi humnoota mootummaa gidduutti adeemu ammallee jabaatee itti fufuun isaa himamee jira. Haleellaa Oromiyaa bakkeewwan hedduutti fudhatuun WBO’n loltoota mootummaa hedduu ajjeesuu, meeshaa waraanaa hedduus booji’uu isaatu himama.

Haala kanaan WBO kaleessa Guraandhala 19,2024 Shawaa Bahaa Fantaallee keessatti tarkaanfii fudhatee waraana mootummaa hedduu ajjeesee meeshaa waraanaa dhuunfachuu maddeen itti dhiyeenya qaban himanii jiran.

Lolli kun sa’atii dheeraaf kan ture yoo ta’u, humnoota mootummaarraan miidhaa guddaan dhaqqabuu himameera. Meeshaa waraanaa hiikkachuun alatti WBO loltoota mootummaa naannicha jiran haleelee bittimsuu caqafamee jira.

Lola WBO fi mootummaa gidduutti walitti fufiinsaan adeemaa jiruun kasaaraa guddaan caasaa PP quunnamuuti himama. Mootummaan Itoophiyaa yeroo ammaa kootaa waraanaa guuttachuuf humna haaraa leenjiitti seensisu dhabee muddama guddaaf saaxilamuudha kan himamu.

Dargaggoonni Oromoof kaan waraana mootummaa seenuu malee lubbuun umurii dheerachuun nii ulfaate jechuurraa itti seenuu baqataniiru. Mootummaan tooftaa adda addaa uumee keessattuu naannawaa Harargeetti nyaataaf diggisiin gowwomsee leenjii seensisuuf yeroo hedduu yaalee milkaa’uu dhabuu isaa nii himama. Barattoota qabxiin jalaa hafe adamsuu, dirqamaan dargaggoota gara waraanaatti oofuun biyyattii keessatti adeemaa akka tures kan himame yoo ta’u, kun ta’ee garuu qa’aa gama waraanaan jiru cufuun ulfaatee akka jiru himama.

Leave a Reply