Sagantaan eebba godambaa Yaadannoo Injifannoo Adawaa kaleessa magaalaa Finfinneetti kabajamaa oole.

Lola Aduwaa irratti gootota wareegaman yaadachuu kan jedhuun Godambaan magaalaa Finfinneetti mootummaa Itoophiyaa PP’n ijaarame kaleessa eebbifamuu isaa gabaafameera. Eebba Godambaa sanaa irratti Ekeraan Minilik dubbataa akka ture miidiyaan Itoophiyaa gabaasaa turaniiru.

Abiyyi Ahemad sodaaf saalfii tokkoon alatti nama Oromoo harmaaf harka muraa ture, nama daguuggaa sanyii Oromoo irratti gaggeessaa ture Minilikf haadha warraa isaaf illee Godambaa kana keessatti siidaa akka tolcheef gabaasameera.

Minilik bara bulchiinsa isaa Oromoo miliyoona 10 ta’u keessaa walakkaatti jechuun miliyoona 5 daguugee lafarraa akka fixe seenaa ragaa baha. Waa’ee miidhaa Minilikiin Oromoo irratti raawwateef kan bulchiinsota Habashaa durii irratti Abiyyi wayiita dubbatu akka seenaa dogoggoraa Oromoon barataa tureetti ibsa. Sagantaa eebba kaleessaa irrattis Ekeraan Minilik haasaa akka taasise miidiyaan biyyattii wal harkaa fuudhee gabaasaa jira. Kun laalaa Oromoo xuxxuquun miidhaa duraan gahe irratti madaa isaa tumatanii daranuu dhukkubsuudha kan jedhan ilmaan Oromoo fayyadamtoonni miidiyaa hawwaasaa hedduu yaada kana qeeqaniiru.

Kanaafis seenaa dogoggoraa sirreessuu sagantaa jedhuun seenessa Waloo Itoophiyaan uuma jechuun adeemsa qabatee jiru milkeessuu keessaa tokko taasifachuun Godambaa kana ijaarsisee xumursiisee jira.

Kaayyoon Godambaa kanaas Oromoon seenaawwan dhugaa kanaan dura barataa ture akka waan soba ta’eetti fudhatee akka itti fufuuf kan yaadame ta’uu haasaawaa inni yeroo adda addaa taasisu irraa hubachuun nii danda’ama. Hawwaasni Oromoo dammaqee haala jiru hordofuu akka qabu dhaamna.

Leave a Reply