Shawaa Kaabaa Dharraa bakkeewwan hedduutti ajjeechaan ilmaan Oromoo irratti raawwatame.

Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Dharraa gandoota addaa addaa keessatti ilmaan Oromoo hedduun waraana mootummaan ajjeefamaa jiraachuu maddeen hawwaasaa eeranii jiran.

Oromiyaa keessatti guyyuma irraa caasaa WBO ti jedhamuun namooti nagaan daguugamaa oola. Inumaa dhiyeenya ammoo haleellaan kun bifa adda ta’een raawwataa jiraachuun maddeen miidiyaa adda addaa gabaasaa jiru.

Gara jabina fakkaataa hin qabne kan ta’e loltoonni mootummaa namoota nagaa erga ajjeesanii booda reeffa akka hin awwaallanne firoota taasisuun, ilmi namaa du’ee bakkeetti tortoree badaa jiraachuu barameera.

Haala kanaan Shawaa Kaabaa aanaa Dharraa ganda Iluu godaa Caffee kan ta’an humnoonni mootummaa isin miseensota WBO ti jechuun qabanii ajjeesuu maddeen himan.

Ajjeechaan kun kan raawwate tibbana jechuun Eebla 20,2024 raawwatamuu gabaasichi caqasa. Dargaggoota nagaa qabanii hidhaan dararaa buluun loltoonni mootummaa ajjeesuun himame kun maqaan isaanii Saddiyyee Isheetuufi Sayid Abbooyyee kan jedhaman ta’uu himame.

Caasaan PP akka waan WBO irratti tarkaanfii fudhatanii akkasuma caasaa WBO irratti haleellaa gaggeessaniitti himatu. Namooti ajjeefaman kunneen garuu hawwaasa nagaa ta’uu gabaasni arganne caqaseera.

Uummata meesha maleeyiirraa ajjeefamuu cinatti dargaggoota naamusa isaaniin jaalala qaban, kanneen ummata gidduutti amala gaarii qabaachuutiin beekaman ta’uu baramee jira.

Torbanuma darbe kana guyyaa sadii dura nama Huseen Sh/Jibiril jedhamu dhalataa ganda warree Gabiroo kan ta’e ganda manqaataa waariyoo ajjeefamuu barameera.

Gabaasuma wal fakkaatuun Shawaa Kibba Lixaa Aanaa Toleetti waraanni mootummaa ajjeechaa, hidhaafi dararaa addaa addaa uummata irratti raawachuu itti fufuun miidhaa geessisaa jiraachuun barame.

Akka gabaasa arganneetti Dargaggoo Sanyii Lammaa ogeessa fayyaa beeyladaa kan ta’e torban darbe erga qabanii booda daraaraa ulfaataa irratti raawwachuun mana hidhaa keessatti du’uun isaa barameera.

Dargaggoo kana irratti reebicha ulfaataa erga raawwatanii hospitaala geessanii ogeeyyiin fayyaa ilaalanii yaaluuf yoo jedhan, waraanni mootummaa qabanii geessan odeessa maal irraa fuudhuuf qofaatti yaalta jechuun ogeessa fayyaa isa yaaluuf ture sana illee rukkutanii dargaggoon kun osoo yaala hin argatiin gara hidhamtoonni baay’inaan hidhaman jiranitti deebisan jedhame.

Oolmaa dargaggootaa kanatti torban darbe keessa gara namoota 56 oliitu hidhamee ture jedhan. Dargaggoo Sanyii kan reebichaan qaamni saalaa isaa akka malee miidhamee ture, dhukkubee osoo iyyuu achuma hidhamtoota giddutti lubbuun isaa darbuu maddeen gabaasan.

Reeffa dargaggoo kanaa maatiin akka hin awwaallanne taasisuun saree nyaachisan kan jedhan hawwaasni, maatiif garuu odeeffannoo dogoggorsaa kennamaafii turuu himame. Waajjirri Foolisii mooraa waraanaa jira yoo jedhu, mooraa waraanaa ammoo waajjira Foolisii jira jechuun maatiin akka awwaalanii garaa hin kutanne taasisan jechuun gabaafame.

Leave a Reply