WBO’n Zoonii lixaatti miseensota haaraa leenjisee bobbaasuu akkasuma loltoota mootummaa booji’aa akka jiru himame.

Waraanni Bilisummaa Oromoo miseensota haaraa leenjii siyaasaa, waraanaaf kaaniin gahoomsuu itti fufuun Zoonii lixaatti tibbana eebbisee bobbaasuu beeksise.

Gabaasa arganneen akka caqafametti Waraanni Bilisummaa Oromoo zoonii Lixaa Kaadhimaamtoota Leenjii siyaasaafi Loltummaa leenjisaa ture xumursiisuun eebbisuun dirqama itti aanuuf bobbaasu ifoomseera.

Tibba darbes giddu gala Oromiyaatti miseensota haaraa eebbisee bobbaasuu isaa gabaasuun keenya nii yaadatama. Kanaan alattis lola Oromiyaa bakkeewwan adda addaatti taasisaa jiruun waraana mootummaa fi milishaa booji’aa jiraachuu maddeen adda addaa eeraa jiru.

Fayyadamtoonni miidiyaa hawwaasaa dhimmoota WBO’n wal qabatan qoodan loltoota mootummaa WBO’n itti naanna’ee jiru Vidiyoo agarsiisu maxxansaniiru.

Lolli Oromiyaa keessatti waraana mootummaa Itoophiyaa fi WBO gidduu ammallee itti fufee jiraachuu gabaasaan arganne kun hubachiiseera.

Leave a Reply