Somaaliiyaa keessatti ilmaan Oromoo namooti 9 lubbuun isaanii darbuu dhagaa’ame.

Kibba Somaaliyaa naannoo Geedoo bulchiinsa Balad Hawoo jedhamu keessatti haleellaa hidhattootni “uffata waraana biyyattii uffatan” Dilbata darbe Guraandhala 04, 2024 raawwataniin baqattootni ajjeefamuu fi madaa’uun himameera.

Gabaasni miidiyaalee baayyina namoota du’anii garaa gara kan ifoomse yoo ta’u, namootni mada’an garuu 6 akka ta’e eerame.

Dhalataan Oromoo biyya Somaaliyaa keessa jiraatu fi nageenya isaaf jecha maqaan isaa akka eeramu hin barbaanne tokko akka miidiyaaleef himetti, haleellichi magaalaa Balaad Hawoo daangaa Itoophiyaatti dhiyeenyaan kan argamatu keessatti halkan keessa naannoo sa’aatii 8:00tti raawwatame.

“Hidhattootni uffata waraana Somaaliyaa uffatan halkan keessa naannoo sa’aatii saddeetitti mana Oromoorra naanna’uun rasaasaan haleellaa raawwachuu eegalan. Haala sanaan dhalattoota Oromoo torba rasaasaan rukutanii ajjeesan. Kan biroo jaha ammoo madeessanii biraa deeman. Kanneen madaa’an keessa lama du’aa fi lubbuu gidduu jiru,” jedhe.

Lammiileen Itoophiyaa ajjeefaman alattis haleellaa kanaan dubartiin Somaaliyaa “hidhattoota haleellicha raawwatan dhaabsisuuf yaalaa turte” tokkos akka ajjeefamte dabalee himeera.

Akka gabaasaa Universal TV ammoo hidhattoonni eenyummaan isaanii hin beekkamne dhukaasa banuun dubartii Somaalii takka dabalee namoota 9 ajjeesan.

Lakkooysi dhalattoota Oromoo ajjeefamanii duraan 6 ture gara 9 itti dabalamuu isaa gabaasni Universal TV mirkaneesseera

Haleellaa kanaan ilmaan Oromoo irraa lubbuun namoota hedduu darbuu mirkaneeffateera. Baayyina namoota ajjeefamanii miidiyaaleen hedduun waan wal faalleessu gabaasaniiru. Ta’us haleellichaan booda lubbuun namaa itti dabalee akka darbedha gabaasni arganne kan hubachiise.

Haleellan irra deddeebin Oromoota Somaaliyaa keessa jiraatan irratti kan cime erga walii galteen dhimma Hulaa galaanaa Somaalilandi fi Itiyoophiyaa mallattaayen booda.”

Leave a Reply