Namootni meeshaa waraanaa sobaan Shawaa Kaabaa keessatti nama saamaa turan hidhaa cimaa waggaa 25 niin adaman.

Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Kuyyuutti Dargaggoonni meeshaa waraanaa sobaa mukarraa hojjetanii hawaasa sodaachisuun saamaa turan hidhaa waggaa 25′, adabamuun dhagahame.

Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Kuyyuutti dargaggoonni afur gareedhaan ta’uun yakka raawwachuun himataman hidhaa cimaa waggaa 25 adabamuu manni murtii olaanaa Godinichaa hime.

Mana murtii olaanaa Godina Shawaa Kaabaa akka ibsetti taanaan dargaaggootni afur meeshaa waraanaa sobaan kan mukarraa hojjetame qabatanii halkan dawoo gadhatanii hawwasa saamaa turaniiru jedhe.

Keessumaa dargaggootni kunneen maqaa hidhattootaa bosona jiran dhahachuun aanaa Kuyyuu ganda Liiban Kuraa keessatti bakka adda addaatti halkan mana namoota dhuunfaa irra deemanii sodaachisanii bansiisuu fi cabsanii seenuun saamaa turaniiru jedhe manni murtii godinichaa .

Kominikeeshiniin poolisii Godina Shawaa Kaabaa fuula miidiyaa hawwaasummaarratti akka ibseetti ammoo , dargaggoonni kunneen mana abbaa warraa 24 irraa moobaayiloota gosa adda addaa 16 fi qarshii kuma 100 fi kuma 83 caalu saamaniiru jechuun ibseera.

Itti dabaluudhaan Himatamtoonni kunneen eeruu hawaasni kenneen poolisii too’atamusaaniis komnukeeshiniin godinichaa ibsuun ,Erga to’annaa seeraa jala oolfamaniin booda himanni irratti banamuun dhimmi isaanii mana murtii olaanaa Godina Shawaa Kaabaatti ilaalamaa erga ture himatamtoonni yakka hojjechuu isaanii erga amananii booda manni murtichaa tokko tokkoo isaaniitti hidhaa waggaa 25 tiin adabuu ibsameera .

Manni murtii Godina Shawaa Kaabaas ta’e komnukeeshiniin godinichaa suuraa namoota afur sana yakka dalaganiiru jedhanii haa maxxansan malee eenyummaa fi maqaa namoota sanaa ifatti waan jedhan hin qaban .

Leave a Reply