Itoophiyaatti sababa dhabiinsa maallaqaan projectiin daandilee waliigalteerra ture hedduun haqame

Qe’ee bahaa galli isaa waraana ta’e Itoophiyaa keessatti hojiiwwan misooma hawwaasa guutummaan sadarkaa dhaabbachuurra gahuu isaanii maddeen miidiyaa himaa jiran. Kunis hanqina maallaqaa irraa kan madde ta’uudha kan eerame.

Oduu argannee irraa akka hubatametti Koontiraaktaroonni ijaarsa daandii beenyaa birrii biliyoona 35tti dhiyaatu gaafachuu eerame.

Piroojektiin ijaarsa daandiilee sababa waraanaatiin addaan cituun walqabatee kontiraaktaroonni itti fufsiisuuf ijaarsa daandiif beenyaa maallaqa birrii biliyoona 34.95 gaafachuun gabaafameera.

Piroojektiileen ijaarsa daandii kunneen sababa rakkoo waraanaa biyyattii keessa jiruun xumurri isaa harkifachuu danda’eera. Biyyattii keessatti Piroojektiileen ijaarsa daandii 19 naannoo Oromiyaatti,11 Tigraayitti fi 19 Amaaraatti kan dhaabbatan ta’uu ibsameera.

Kanneen keessaa waliigalteen piroojektiilee 31 guutumatti haqameera jedha gabaasichi. Baajetni biyyattii keessatti irra guddaa sochii waraanaaf kan oolu yoo ta’u, dhimma hojii misoomaaf kan qabamus humna waraanaatti akka naanna’u taasifama. Haala kana keessatti pirojeektiiwwan eegalaman hojiin isaanii akka hin xumuramne danqamaa yoona gahuu eerama.

Leave a Reply