Godina Shawaa Lixa Aanaalee garagaraa keessatti namootni nagaan ajjeefamaa jiraachuun barame.

Oromiyaa keessatti sababaa waraana mootummaan gaaga’amni dhaqqabaa jiruun uummati jiruuf jireenya dhuunfaa isaa gaggeeffachuu dadhabaa jira. Inumaa lubbuun oolanii buluun daran madda yaaddoo isa ulfaataa ta’uu isaa barameera.

Lola Waraana Bilisummaa Oromoo fi humnoota mootummaa gidduutti adeemsifame hordofee hawaasni nagaa hidhamaa, qe’ee isaa irraa buqqifamaa, qabeenyi isaa waraana mootummaatiin saamamaa fi barbadeeffamaa jira jechuun uummati himata.

Torbanoota darban kana keessa Godina Shawaa lixaa Aanaalee Ilfataa, Gindibaratii fi Ambootti dararaan jajjabduun hawaasa irratti raawwatamaa jiraachuu jirattonni himanii jiru.

Gurraandhala 24, bara 2024 Aanaa Gindabarat ganda Ulaa Abbaa Daadhii bakka addaa Mullucheetti dargaggoo Waaqgaarii Baqqalaa jedhamu bakka bultii isaatii ganama subii qabuun daandii gubbaatti ajjeesuu jiraattonni dubbatu.

Dargaggoon kun nama hawaasaa fi ollaa isaa keessatti jaalala qabu malee hammeenya nama qabu akka hin taane jiraattonni himu.

Kana malees Guraandhala 26, bara 2024 jiraataa ganda Qarree Doobbii kan ta’e dargaggoo Taarikuu Caalaa Osoo karaa deemuu ganda Culluxxeetti qabuun ajjeesanii jedhu.

Guyyaa kaleessaa illee Aanaa Amboo ganda Dikii Qubatteetti waraanni mootummaa namoota nagahaa irratti dhukaasaa turuu jiraattonni himan.

Dhukaasa Mortaraa ganda Dikii bakka addaa Tulluu Dhaltuu irra dhaabuun ganda Galaan Waddeessa bakka addaa Luuchoo jedhamutti uummata gadda taa’aa jiru irratti dhukaasanii haadha ijoollee 7 yoo ajjeesan nama tokkos madeessanii jiru jedhu jiraattonni.

Haadholiin dhukaasa kanaan rukutaman keessa Aaddee Biraanee Warquu, haadha ijoollee 7 yoo lubbuu darban, Aaddee Jaal’ee Seefuu haadha ijoollee shanii miidhaa cimaa irra gaheen yaala dhabanii haala ulfaataa keessa jiraachuu odeeffanne

Gochoonni suukanneessoon akkanaa kunneen Aanaalee kanneen keessatti irra deddeebiin itti fufanii mul’ataa akka jiran jiraattonni himan.

Shawaa Lixaa qofa osoo hin taane gochaan ajjeechaaf hiraarsaa guutummaa Oromiyaa keessaa akkuma dhagaa’amutti itti fufeera.

Leave a Reply