1. Fayyisaa Galatuu kan jedhaman yoo ta’u namooti hedduun ammoo madaa’uu isaanii gabaasni arganne hubachiiseera.
  2. Qalbeessa Biraanuu
  3. Eebbaa Fufaa limmuu

Wallagga Bahaa Giddaa Ayyaanatti uummatni imala irra turan Faannoon ajjeeffamuun himame.

Qiyaamaa waraanaa hamaa keessa seenanii kan jiran uummatni Oromoo Wallagga Bahaa Giddaa Ayyaanaa Guttin irraa ka’uun osoo gara Giddaa imalaa jiranii guyyaa kaleessaa Guraandhala 29,2024 shiftaan Faannoo karaa irratti qabuun jumulaan ajjeesuun himame. Namooti ajjeefaman hedduu ta’uu kan himame yoo ta’u akka loonii ciibsanii qalan jechuun hawwaasni naannichaa himate.

Gabaasa qabnuun ajjeechaan kun bakka addaa andoodee Dichoo jedhamutti raawwatamuu eerame. Uummanni Giddaa fi naannoo isheetti argaman hundi irra deddeebiitiin Ajjeefamaa samaamaa waggoota sadii oliif humna finxaalleyyi Amharatiin daraaramaa jiraachuun isaa beekamaadha.

Namoota ajjeefaman keessaa maqaan kan argame:

Hawwaasni ajjeefaman kunneen badii qabaatanii osoo hin taane waan Oromoo ta’an qofaaf miidhaan kun irra dhaqqabuu himameera.

Ajjeechaan kana fakkaatu tibbanuma Finfinnee fi Walloo gidduu bakka Shawaa Roobit jedhamutti barsiisota dabalatee namoota 8 irra dhaqqabuu gabaasuun keenya nii yaadatama.

Leave a Reply