Waraanni Bilisummaa Oromoo sochii taasisu Finfinnee fi handaara magaalattii keessatti jabeessuun dhagaa’ame.

Waraanni Bilisummaa Oromoo sadarkaa itti mootummaan Itoophiyaa TV irraa waa’ee isaa ibsuun baay’ee fagoo akka jiru haallan argaman ragaa bahu. Daranuu of ijaaraa buluun isaa akkasuma bakkeewwan sochii isaa akkuma hogganni isaa jechaa ture siqaatuma siqaa dabaluun daran mul’ataa jira.

Muummeen Ministira Itoophiyaa tibbana Qawween aangoo Itoophiyaa dhuunfachuun hin danda’amu jedhanii haa dubbatan malee, hanga Abiyyi Ahemad itti ibse kanaa ol jiraachuu uummata ragaa baha. Wayiita ammaa imala Finfinnee eegalle nuti ittuma fufnee jirra jechuun sochii taasisaa jiruun magaalaalee Oromiyaa ijoo ta’anitti dabaluun Finfinnee yaaddoo gudda keessa galchuu danda’eera.

Seenaa keessatti dhiyootti dhagaa’amee kan hin beeknee WBO’n dhiyeenya Finfinnee bakka Inxooxxoo jedhamutti waraana mootummaa haleeluu maddeen adda addaa ibsaa jiru. Kana malees magaala guddoo biyyattii Finfinnee Karaa Lixa Buraayyuu amma Askootti, Karaa Kibba Lixa Shaggar irraa amma Sabbataatti, Karaa Salaalee amma Yaayyaa Gullalleefi bosona Inxooxxootti, Karaa Bahaa ammoo Moojoo,Bishooftuu,Maqii,Adaamaafi Boosatitti fi Karaa Sandaafaa amma laga xaafootti,lolee lolchiisaa,leenjisaafi caasaa isaa ijaarrataa jiraachuu maddeen ibsaa jiran.

Tibbana Vidiyoon imala WBO jechuun fuula Telegram adda addaan qoodamaa jiru baayyina waraanaa akkaan guddaa ta’e agarsiisa.

Vidiyoo san irraa WBO’n yoo xiqqaate kumoota kurnaniin lakkaa’amu tarree galanii osoo deemanii mul’ata. Haalli sochii WBO walumaa gala sadarkaa mootummaan Itoophiyaa gadi buusuuf yaaluun itti ibsaa jirutti osoo hin taane akkaan sirnichaaf sodaachisaa akka ta’e maddeen himu. Mootummaan Itoophiyaa garuu ammallee akka waan miseensi WBO nama 5 hin caalleetti ibsuu jabeessee jira. Kana malees miira tuffiin tibbana Qawwee lafa kaahee araaraaf kan dhufu yoo tà’e nii keessummeessina yaada jedhu kaasaa tureera.

Leave a Reply