Amnesty International sarbamni mirga namoomaa Itoophiyaa keessaa daangaa darbe jechuun himate.

Mootummaan Itoophiyaa labsii yeroo muddamaatti gargaaramuun namoota siyaasaa beekamoo kara nagaan mormii dhageessifataniifi gaazexeessitoota hidhaa jira jedhe dhaabbanni mirga namaaf falmu Amanastii Intarnaashinaal.

Dhaabbatichi ibsa kaleessa Guraandhala 19, 2024 baaseen miidhaa sarbama mirga namoomaa Itoophiyaa keessaa baleeleffateera.

Jaarmiyaan falmaa mirga namoomaa Amnesty mootummaan Itoophiyaa gaafa Guraandhala 02,2024 labsiin yeroo muddamaa ji’a jaha dura bahe dheeressuu eeruun yaaddoo qabu ibse.

Naannoo Amaaraatti walitti bu’insa humnoota mootummaa fi hidhattoota Faannoo gidduutti hammaachaa deeme hordofee naannichi mootummaan federaalaa gidduu akka seenu gaaffii dhiyeesseeni labsiin yeroo muddamaa labsame.

Amanastiin ji’oota jahan darban keessatti labsiin yeroo muddamaa akka biyyalessaatti labsame, ”qondaalota mootummaaf ajaja mana murtii malee shakkamtoota to’achuu, dhorkaa yeroo sochii, iddoodhaa iddootti deemsa dhorkuu fi mirga walitti qabamuu dhorkuuf aangoo hin daangeffamne kenneeraafi,” jedhe.

Dhaabbatichi mootummaan Itoophiyaa, ”qabata labsii muddamaa jedhuun mala bulchiinsota duraanii mirga bu’uuraa dhorku fayyadamuu dhaabuu qaba,” jedhe.

”Dabaluunis Itoophiyaan Naannoo Amaaraa keessatti lola keessa jirti, Naannoo Tigraay keessatti rakkoo namoomaa hamaafi Naannoo Oromiyaa keessatti ammoo rakkoo nageenyaa badaatu jira, walumaagalatti ammoo yakki raawwatamee adabbii malee hafaa jira,” jedhe.

Hogganaan Amanastii Intarnaashinaal waajira Afrikaa Bahaafi Kibbaa Tigaaree Chaagutaah,”shoorri miidiyaa fi bilisummaan yaada ofii ibsachuu murteessaa dha, ” jedhan

Labsiin yeroo muddamaa dheereffamuun hamma yoonaa Gaazeexaa Nagaariit irratti akka hin baane eeruun, iftoomina dhabuun kuni, ”mirga odeeffannoo argachuufi qajeelfama seera-qabeessummaa ni sarba,” Kunis labsiin bahe akka biyyaalessaatti tahuuf dhiisuu murteessuuf rakkisa jedha.

Amanastiin yeroo muddamaa kan keessatti, ”namooti siyaasaa shaniifi gaazexeessitootni sadii to’annoo jala oolan himannaa malee mana hidhaa jiru,” jechuun miseensota maatii waabeffachuun himeera.

Keessumaa Obbo Taayyee Danda’aan Ministira Mummee Abiyyiin, ”ati nama dhiiga namaatiin taphatu ta’uu keetiin hubadhe,” jechuun booda to’annoo jala oolfamuu ibseera.

Dabalataan yeroo labsiin muddamaa gaafa Guraadhala 02, 2024 dheereffamu humnooti mootummaa miseensa paarlaamaa federaalaa Dr Dassaalanyi Caannee to’annoo jala oolchuu himeera.

Miseensoti maatii namooti to’ataman kunneeni abukaatoo isaanillee arguu akka hin dandeenye, maatiin isaanimmoo haala akkaan to’atamaa tahe keessatti akka argan ibseera.

Leave a Reply