Guyyaa dubartootaa ilaalchisuun ABO’n ergaa baga geessanii dabarse.

Dubartoonni Oromoo kanneen kutaalee Oromiyaa hunda keessatti afaan qawweetiin haara galfii dhabdanii hiraarfamtan, dabrees sabaa fi sab-lammoonni biyyattii cufti haala ulfaataa fi rakkisaa keessa dabartanii fi keessa jirtan baga guyyaa dubartootaa geessan jechuun ABO’n ibsa baase.

Hammeenyi osoo isin hin daangessin xiiqii horachuun mirga namummaa fi dimokiraasii keessan kabajsiifachuuf yeroon kun yeroo kam iyyuu caalaa yeroo itti jabaattanii hojjattanii dha jedha Addi Bilisummaa Oromoo.

Guyyaa dubartoota addunyaa 2024 baga geessan jechuun hawwii qabu dabarseera Addi Bilisummaa Oromoo. Jiruu fi jireenya dhala namaa keessatti shoorri dubartootaa gama hundaa ol’aanaa dha. Dubartoonni mana ijaaruu irraa qabee hanga biyya ijaaruutti qoodni kennan laakkaawamee hin dhumu jedhe.

Sirna Gadaa Oromoo keessattis dubartoonni kabajaa fi ulfina qabaniin, haadha Siiqqee ta’anii rakkoo qe’ee keessatti dhalate irraa qabee hanga sadarkaa biyyaatti jiru araara buusuun furuun beekamu.

Seenaa biyyoota/saboota gabrummaa jala turanii fi jiranii keessattis dubartoonni, dubartummaan isaanii osoo isaan hin daangessin, gaaffii mirgaa fi dimokiraasiif, walqixxummaaf, kabajamuu mirga dhala namaaf, qabsoo roga hundaan godhamaa ture keessatti hirmaannaa olaanaa qabu.

Seenaa qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti dubartoonni Oromoo bilisummaa biyyaaf, kabajaa sabummaaf falmuu haga wareega lubbuutti qabsoof gumaachanii jiru, ofii hidhatanii loluu fi lolchiisuu dabalatee siyaasa keessattis qooda fudhataa turaniiru; ammas itti jiru.

Dubartoonni Oromoo qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti qooda fudhataa turanii fi jiraniin, darbees Oromoo ta’uu isaanii qofaan, weerartootaa fi mootummoota Impaayera Itoophiyaa dhufaa darbaan Oromummaa isaaniin yakkamuun harma muramaniiru.

Abbaa warraa kee, obboleessa kee, ilma kee nutti duulchifte jedhamanii ajjeefamaniiru; gudeedamaniiru. Hidhamanii hiraarfamanii jiru. Ilmoo ishee ajjeesanii reeffa irra teessisaniiru.

Mana hidhaatii baafamanii ajjeefamanii waraabessa nyaachifamaniiru. Roorroo hifatanii biyya isaanii irraa osoo baqatanii irbaata qurxummii fi allaattii gammoojjii tahaniiru.

Dubartoonni Oromoo bilisummaa biyyaa fi saba isaaniif, dimokiraasii fi walqixxummaaf, kabajamuu mirga dhala namaaf wareegama ulfaataa kaffalaniiru. Ammas kaffalaa jiru.

Yeroo ammaa addunyaan teenya waldhabdee ji’oopoolitikaa irraa kaasee hanga sadarkaa hiyyummaa olka’aa jiruu fi dhiibbaa jijjiirama qilleensaa hammaataa dhufeetti rakkoolee walxaxaa keessa jirti. Qormaatni kun dubartoota humneessuu qofaan furmaata argachuu danda’a jedheen amana jedhe ABO’n.

Addi Bilisummaa Oromoo Bitootessa 8, guyyaa dubartoota addunyaa bara kanaa 2024 baga geessan gaafa jedhu, dubartoota Oromoo qofa osoo hin taane, keessaahuu waggoota shanan darbanitti bulchiinsa mootummaa paartii Biltsiginnaa jalatti siyaasaan, waraanaan, dinagdee fi hawaasummaan miidhama olaanaaf kanneen saaxilaman hunda gidiraa fi dhiphina gama hundaa keesssa jiran hubatuu irraa ti jedhe.

Warri waraana irratti labsame jala turee fi jiru, kanneen qaamaa qalbiin itti cabdanii maatii duuchaa itti dhabdan, boqonnaa nageenyaa kan dhabdan, lammiileen Oromiyaa waraana Biltiginnaan kabajaan namummaa keessan isin irraa mulqame, dubartoonni Oromoo kanneen golee Oromiyaa hunda keessatti warra aangoo afaan qawween dhuunfateen haara galfii dhabdanii hiraarfamtan, walumaagalatti sabaa fi sab-lammoonni biyyattii cufti haala ulfaataa fi rakkisaa keessa dabartanii fi keessa jirtan keessatti irra deebiin baga geessan jedha ABO’n.

Hammeenyi osoo isin hin daangessin xiiqii horachuun mirga namummaa fi dimokiraasii keessan kabajsiifachuuf yeroon kun yeroo kam iyyuu caalaa yeroo itti jabaattanii hojjattanii dha jedha Addi Bilisummaa Oromoo.

Dubartootni guutuu biyyattii rakkoo gama hundaa yeroo ammaa biyyattiin keessatti kuftee jirtuu fi ofiifis ittiin hiraaraa jirtan kana keessaa bahuuf, dimokrasii dhugaa fi walqixxummaatti amanuun, waliin gama nageenya amansiisaatti cehuuf, waan barbaadnu irratti walabaan murtii kennachuuf sagaleen keessan qooda mul’ataa waan gumaachuuf, sagalee keessan ol kaasaa dhageessisaa jenna jedhe ABOn.

Dubartoonnii fi shamarran Oromoo har’as sababa eenyummaa isaaniitiin akkasumas sababa ilaalcha siyaasaatiin cunqurfamaa fi hidhaan dararaman akka mirgi namummaa fi mirgi dimokiraasii isaanii kabajamuuf cimsee gaafatu ta’uu himeera.

Akka addunyaatti guyyaan dubartootaa har’a kabajamaa jira. Miidiyaa hawwaasaa irrattis namooti hedduun jaalala haadha isaaniif akkasuma haadha warraa isaaniif qaban qoodaa jiru.

Leave a Reply