Baankii daldala Itoophiyaa rakkoon systema mudachuun maallaqa hedduu akka dhabu taasise.

Tibbana odeeffannoon barattoonni Yuunivarsitii adda addaa keessatti ATM dhaan maallaqa osoo hin qabaatin ajajatanii baafataa akka turan miidiyaa hawwaasaan qoodamaa ture. Inumaa kanneen akka qoosaattis dhimmicha katabaa turan danuudha.

Rakkoon jedhame dhuguma mudachuu kan barame yoo ta’u, Baankii Daldala Itoophiyaa rakkoo sistemaa isa mudateen Jimaata darbe jechuun Bitootessa 15,2024 halkan sa’a 6 irraa qabee hanga sa’a 12 tti namuu tola maallaqa baasaa turuu himame.

Maallaqa ATM keessaa tola baafachuu ala maallaqni hanga miliyoonaa gahullee karaa Mobile Bank akka daddarbaa ture gabaasaan bahan hubachiisan. Dhimmicha irratti yaadoti garaa garaa kan kaafaman yoo ta’u, namooti danuun hackarootaan ta’ii raawwatedha jedhu. Baankichi garuu dhimmicha ilaalchisee yaada laateen maallaqa saamamuu isaa waan dubbate hin qabu. Garuu rakkoo sistemaa isa mudateef tajaajila addaan kutuu hubachiisee ture.

Faallaa ibsa baankichaa Yuunivarsitii Jimmaa dabalatee mooraa Yuunivarsiitilee biroon ammoo maallaqa keessan hin taane barattoonni fudhattan deebisaa beeksisa jedhu maxxansuu isaanii dhagaa’amee jira.

Guyyaa jedhame kana halkan barataa hedduun maallaqa baafataa akka bule kan himame yoo ta’u, baankichi yoo xiqqaate maallaqa biliyoonotaan lakkaa’aman sa’atii jedhameef guyyaa jedhame kanatti dhabuu akka hin oolle caqafameera.

Rakkoon kana fakkaatu waggoota afur dura EthioTele kan mudate yoo ta’u, rakkoo yeros uumameen namooti tola biyya keessaaf alatti bilbiluun dhaabbatichi qarshii hedduu akka kasaaru taasifamuun nii yaadatama. Ta’ullee dhimmi qarshii osoo hin qabaatin Baankiirraa maallaqa karaa ATM baasuu fi qarshii osoo hin qabaatin gama Mobile Bank qarshii daddabarsuu kun kan jalqabaati.

Leave a Reply