Shawaa Kaabatti Faannoon jireenya uummataa irratti balaa guddaa geessisaa jiraachuun barame.

Haleellaa sabummaa irratti fuulleffatee adeemaa jiruun loltoonni Faannoo addatti Oromoo adamsanii miidhaa irraa geessisuu, qabeenya isaa mancaasuuf ajjeesuu dabalatee dararaa gafa jabeenyaan guute raawwachuun akkaan hammaataa jira jedha gabaasni arganne.

Akka kanaan Godina Salaalee Aanaalee Dharraa, Dagam fi Hidhabuu Abootee keessatti haleellaa humnoonni finxaaleyyii faannoo raawwataniin uummanni qe’ee isaarraa buqqa’uun qabeenyi uummataa barbadaa’eera jedhame.

Aanaa Dharraa ganda Manqaataa iddoo Adaadii jedhamuu manniifi qabeenyi namoota kudha shanii ol ta’an kaan jalaa gubatee, kaan immoo saamamaniiru jedhu jiraattonni.

Aanaa Dagam gandoota addaa addaa keessatis humnoonni kun haleellaa walitti fufaa taasisaa jiraachuu hawwaasni naannichaa himataa jira. Torbanoota kana keessa Godina Salaalee Aanaalee Dharraafi Dagam keessatti humnoonni finxaaleyyii faannoo haleellaa walitti fufaa uummata irratti raawwataa jiraniin miidhaa addaa addaa geessisanii jiru.

Uummanni karaa tokkoon haleellaa humnoota finxaaleyyii kanaaf saaxilamaa karaa biraan immoo humnoonni mootummaa qabata Waraana Bilisummaa Oromoo deggertu jedhuun hiraarsu dheessuun kan isa mudate ta’uu eerame. Waraana kallattii garaa garaan irratti adeemu kun hawwaasa jireenya dhorkee kasaaraa hamaaf saaxiluu himame.

Humnoonni finxaaleyyii faannoo kun daangaa cabsanii seenuun qabeenya alaafi mana jiru gubanii barbadeessuun kaan immoo saamu, loltoonni mootummaa uummata tiksuuf dirqama irra ture bahachuu dhabuurra taree ofii isaaniis badii dhuma haleellaa Faannoo fakkaatu kan geessisan ta’uun rakkoo fala dhabuun Oromoon naannichaa akka dararamu taasisaa jira.

Aanaa Dagam gandoota Leellisaa Alii Dooroo, Illaammuu Mikaa’el, Wajituu, Qurquraafi gandoota ollaa biroo guyyaa tokko dura weeraruun uummanni buqqa’ee gara bosonaatti baqatee jira jedhame.

Guyyaa dheengaddaa Bitootessa 11, 2024 Aanaa Dagam ganda Leellisaa Alii Dooroo qofa keessaa namoota 50 caalan ukkaamsuun gara naannoo Amaaraa Maraabeetetti fudhatan jedhan jiraattonni.

Manneen uummataa gubuun qabeenya mana keessaafi alaa hedduus fudhatanii deemaniiru jedhu. Uummanni Aanaa Dharraa gandoota addaa addaa irraayyis buqqa’uun magaalaa Adaree, Abbaadhoofi ganda Uroogoo jedhamu qubatanii jiru jedhame.

Rakkoo furmaanni isaa akkaan ulfaate kanaaf uummatni Oromoo bakka maraayyuu sagalee waliif ta’uu akka qabu gabaasni kun dhaameera.

Leave a Reply