Biyya hawwaasni miliyoona 20 ol beelaan dararamaa jiru Itoophiyaan badhaasa dhaabbata nyaataa addunyaarraa argachuun komii kaase.

Sababa waraanaa fi gaaga’ama hongeef kaaniin Itoophiyaa keessatti lammiileen miliyoona shantamatti dhiyaatan balaa guddaaf saaxilamaniiru. Lammiileen miliyoonotaan lakkaa’aman qe’eerraa buqqaa’uuf saaxilamaniiru.

Naannolee Itoophiyaa hedduu keessatti gaaga’amni beelaa haalaan haasa’amaa jira. Dhaabbileen gargaarsa namoomaa sababa Hongeef waraanaan lammiilee Itoophiyaa beelaan dhumaa jiran gargaaruu irratti wayiita argamanitti, biyya nyaataan of dandeesse jedhamuun badhaasni dhaabbata nyaataa addunyaa FAO irraa MM Itoophiyaa Abiyyi Ahemad’f tibbana laatame.

Kun lammiilee biyyattii hedduu mufachiisuuf kaawwanittimmoo bitaa galuu isaa maddeen adda addaa ibsataa jiran.

Biyya beela’uu ishee dhaabbanni UN, OCHA’n miidiyaalee akka BBC, AFP fi kanneen biroon osoo hin hafin mirkaneessaa jiraniif akkamiin badhaasni akkanaa akka laatame namaa hin galu.

Torbanootuma darban keessa waa’een beela’uu Itoophiyaa mataa oduu miidiyaalee addunyaa ture. Oolee osoo hin bulin torban kana keessammoo biyya Qamadii oomishuun of irra dabartee biyya alaatti erguu jalqabde jedhamee badhaasni dhaabbata nyaataa addunyaa irraa laatamuun uummata biyyattii haala keessa jiru beekuuf hibboo olaanaa ta’uu ibsamaa jira.

Badhaasni Ministirri Muummee Itoophiyaa, Abiy Ahimed fudhatan mul’ataa fi gaggeessummaa wabii nyaata mirkaneessuuf qabaniif badhaasa Mootummoota Gamtoomanitti, Dhaabbanni Nyaataafi Qonnaa (FAO) kennu ‘Agricola Medal’ jedhamu irraa akka ta’e caqafame.

Badhaasichi Xaaliyaanii magaalaa Roomitti kan gaggeeffame yoo tahu, badhaasni kun FAO Agricola Medal jedhamuun waamama.

Haala ariitiin jijjiiramaa jiru kana keessatti qamadii oomishuun of gahuufi alaa galchuu dhaabuuf kalaqa isaan itti fayyadamanii fi cichoomina agarsiisaniif badhaasichi akka kennameef ibsameera.

MM Abiy hoggansa kalaqaawaa wabii nyaataa, dhiyeessii nyaata madaalawaafi omisha qamadiitiin of danda’uu irratti kennaniin bu’aa yeroo gabaabaa keesatti argameef, Mootummoota Gamtoomanitti, Dhaabbanni Nyaataafi Qonnaa (FAO) badhaasa ‘Agricola Medal’ jedhamu kenneef.

MM Abiy badhaasicha bakka gaggeesitootni biyyoota adda addaa, bakka buutonni dhaabbilee idil-adunyaa fi hawwaasni dippilomaatii jirutti fudhatan.

Gabaasaan arganne akka hubachiisetti badhaasa laatame kana bu’uura godhachuun Israa’el rakkoon Itoophiyaa keessa hin jiru jettee Guraandhala 10 kaasee lammiileen Itoophiyaa akka biyyatti deebi’an beeksisuun barameera.

Leave a Reply