Uummatni Oromoo Somaaliland keessa jiraatan haala nama gaddisiisuun ajjeechaan irratti raawwataa jira.

Mootummaan Itoophiyaa dhimma furmaata hin qabne, kan galma gahuun isaa hin mirkanoofne holola waa’ee galaana diimaa eegaluun isaa uummati nagaan aarsaa lubbuu akka kaffalu taasisaa jiraachuu gabaasaaleen bahan ifoomsan.

Haala kanaan Oromoonnii sumaalii laandi keessa jiran hedduun ajjeefamaa jiraachuu gabaasaan suuraan qindaa’e miidiyaa hawwaasaan deddeemaa jira.

Reeffi ilmaan Oromoo dhagaan waan tumamanii ajjeefaman fakkaatu akkasuma namooti lafarra gototamaa waan turan fakkaatan Telegram irratti qoodamaa jira. Ajjeechaan gara jabinaan guute kun hawwaasa bal’aa irratti raawwachuu akka hin oolle himama.

Rakkoon hawwaasa Oromoo biyya san jiraatu mudate sababaa dhibdee ulaa galaanaa eegaleen ta’uu gabaasichi ibsa. Uummanni Somaalee Oromoon lafa nurraa fudhataa jira maqaa jedhuun uummata Oromoo waan fakkaate biyya isaa keessatti arguuf ilaalu tasuma fedhaa kan hin jirre ta’uu barameera.

Gaaffii ulaa galaanaa jedhamuun baatii Amajjii keessa dhalate kanaan Uummanni Oromoo biyya Somaaliland qofa keessa osoo hin taane Somaaliyaa keessaattillee bakka argametti ajjeefamaa kan jiru ta’uu gabaasaaleen bahan ifoomsaniiru.

Leave a Reply