Daddabarsi qorichaa seeraan alaa dawaalee dhibeewwan weeraroo ittisuuf gufuu ta’eera jedhe Biiroon Fayyaa Oromiyaa

Oromiyaatti daddabarsi seeraan alaa dawaalee, dhibeewwan bifa weeraraan Naannoo Oromiyaatti mudatan ittisuuf gufuu ta’uu Biiroon Fayyaa Oromiyaa beeksise.

Biirichi ittisa daddabarsa seeraan alaa dawaalee ilaalchisee qaamoolee haqaa waliin qindoominaan hojjechuun haala danda’amurratti marii paanaalii magaalaa Jimmaatti gaggeesseera.

Hogganaa Ittaanaa Biiroo Fayyaa Oromiyaa Dooktar Tasfaayee Kibabawuu akka jedhanitti dhibeewwan bifa weeraraan mudatan kanneen akka busaa ittisuuf mootummaan dawaa dhiiheessaa jira.

Ta’us, fuuncaa dhiyeessii dawaalee keessa daldaltootni seeraan alaa harka galfachuun hojiilee ittisaa dhibeewwan weeraroo ittisuuf karoorri qabame akka gufatu taasisaniiru jedhan.

Itoophiyaa keessatti waan hundi kontiroobaandii ta’uurratti kan argamu inumaa qorichi busaa karaa seeraan alaa daddarbu hammaachuu isaatu himama. Caasaan hoggansa fayyaa Oromiyaa akkanaan haa ibsu malee ofiis hangam hojii qulqullina qabu hojjetaan gaaffii guddaadha.

Sirna PP ammaa jalatti waan hundi sirna gadhiisaa dhufeera. Hunduu hafee tajaajila hawwaasummaa yeroo gabaabaatti dhuman argachuuf illee har’a gubboo ta’ee jira. Sirnichi walumaa gallisaa hannarratti waan ijaarame kan fakkaatu, sektara mootummaa keessatti wantoonni seeraan alaa akka babal’ataniif ulaa saaqeera.

Dhimma daddabarsa qoricha busaa irrattis danoomaan kan hirmaatan namootuma dhimma san irra hojjetan ta’uu odeefannoon qabnu nii mirkanesssa. Kanaaf ofuma isaanii keessoo isaanii sirreessuun barbaachisaa akka ta’e gabaasni kun dhaama!

Oromiyaatti aanaaleen 310 dhibee busaaf saaxilamoo ta’uun kan eerame yoo ta’u bara kana Begiitti weerarri kun akkaan hammaataa turuu isaa gabaafamaa tureera. Gidduu kanammoo weerarri Gifiraa Oromiyaa keessatti babal’achuun madda yaaddoo ta’aa dhufeera.

Leave a Reply