Walloo aanaa Arxummaa Furseetti namooti 8 ajjeefamuun kanneen 15 caalan haleellaa Faannootiin ajjeefaman.

Jaarraa tokkoo oliif lola eenyummaaf irratti taasifamu qolataa jiraataa kan as gahan uummanni Oromoo Walloo, ammallee haleellan humnoota Amaaraan irra dhaqqabu hin dhaabbatin jira.

Hawwaasni kunneen ciminaaf gootummaa akka sabaatti qabaniin eenyummaa ofii osoo hin gadhiisin, afaan Oromoos osoo hin dagatin hanga yoonaa jiraataa jiraachuun kan isaan aarsu humnoonni eenyummaa Oromoo dhabamsiisuuf hojjetana lola irratti banan daneessuu himama.

Haleellaa kallattii lamaa of irraa qolataa kan jiran Oromoon Walloo, humnoota Amaaraas kan Afaaris daangaa isaanii saamuu yeroo adda addaa lola itti banu. Lola kanaan deggarsa tokkoo alatti uummatichi of ittisee har’a gahuu isaa kan himamu yoo ta’u, dhiyeenya kanammoo humnoonni Amaaraa Faannoon deggarsa mootummaa naannichaa irraa argatuun miidhaa guddaa irraan geessisaa akka jiru gabaasaaleen bahan hubachiisaa.

Haala kanaan Kaaba Oromiyaa Walloo Aanaa Arxummaa Furseetti haleellaa humnoonni finxaaleyyii faannoo kaleessa raawwataniin uummata irraa namoonni 8 caalan ajjeefamuu fi 15 kan caalan madaa’uu gabaasaan arganne ifoomseera.

Humnoonni kun haleellaa walitti fufinsaan raawwataa jiraachuu kan himan jiraattonni, uummata Walloo dadhabsiisuun buqqisuuf kallattii jijijjiiranii haleellaa raawwataa jiru jedhame.

Haleellaa kaleessa taasisaniin gandi gubate jiraachuus jiraattonni himaniiru. Aanaa Arxummaa Fursee ganda Qoree jedhamutti lola humnoonni finxaaleyyii faannoo uummata irratti bananiin namoonni nagaan 8 ol ajjeefamuu, 15 kan caalan immoo madaa’uu jiraattonni himan.

Iddoo Magantaa Fursee jedhamutti lola eegaluu kan himan jiraattonni, achirraa gara Intalee hanga Kaarra Qoreetti babal’isuun guyyaa kaleessaa haleellaa cimaan humna kanaan raawwatamaa ooluu himan.

Humnoonni kun meeshaa gurguddaa fayyadamuun lola kana banuu kan himan, gandi Saddeeqoo jedhamu finxaaleyyiin gubateera jedhan. Lolli finxaaleyyii faannoo kun walitti fufinsaan kallattii jijjiiranii Oromoota Walloo cabsuuf taasisaa kan jiran yoo ta’u, wareegama uummatichi baasaa jiru humna isaatii ol ta’aa jira jedhame.

Iddoowwan kaleessa lolli itti taasifamaa turetti uummanni osoo beela’uufi dheebotuu aarsaa kaffalee ganda isaa eeggataa jira jedha gabaasni argame.

Karaan yoo saaqameef humnoonni kun uummata fixuuf ganda gubanii barbadeessuuf wanti duuba isaan deebisu hin jiru jedhan.

Kanneen kaleessa ajjeefaman keessaa kan maqaan argame Jamaal Ahmad, Shaabbal Umar, Husseen Arab, Umaroo Muusaa, Hassan Muhammed, Ahmad Xoyib, Awwal Ibiraahim kan jedhaman ta’uu odeeffanneerra.

Oromoota Walloo buqqisuuf lola cimaa nurratti taasisaa jiru kan jedhan, kallattii aanaafi gandaa jijijjiiruun dadhabsiisanii nu cabsuuf lola ulfaataa nurratti taasisaa jiru jedhu jiraattonni.

Har’as haleellaan garee finxaaleyyii kanaa akkuma itti fufetti jiraachuu maddeen keenya himanii jiru. Uummati kun waggoota afurii as addatti miidhaa ulfaataan irra gahaa kan jiru yoo ta’u, jumulaan konkolaataa irraa buufamee daguugamuurraa hanga qe’een jsaa barbadaa’utti miidhaa irra gahe kana qolachuuf qaamni mootummaa birmateef akka hin jirre barameera.

Leave a Reply