Uggurri geejibaa guyyaa lammaffaaf har’a hojiirra oolee jira.

Oromiyaa kutaalee hedduu keessatti guyyaa har’aa uggurri geejibaa adeemsifamaa jiraachuu gabaafame. Uggura geejibaa kanaan imalli Konkolaataan taasifamu dhorkamuu isaas barameera.

Guyyaa Kaleessaa Magaalaa Naqamtee keessatti dhaabbileen tajaajila hawaasaa hedduun cufaa turuu kan himan jiraattonni, konkolaataan geejjibaa dhabamuun namoonni gara Finfinnee deemuu qaban osoo hin deemiin hafuun daandiirratti ugguramaniiru.

Kaleessa namni gara Finfinnee deemaa osoo jiruu Magaalaa Naqamteetti sababa geejjibaan hafe tokko akka jedhutti, dukkaanni, manneen nyaataa cufaa jiru jedha.

Akkasuma Godina Salaalee Aanaa Hidhabuu Abooteettis humnoonni mootummaa dukkaana uummataarra deemuun “maaliif hin banne?” jechuun meeshaa gara alaatti jalaa baasaa turan jedhu jedha gabaasni arganne.

Suuraaleen miidiyaa hawaasaan qoodamaa jiran uggurra sochii kabajuu didan jedhamuun Konkolaattota gubatan kan agarsiisu Facebook fi Telegrama irraan tamsaafamaa jira.

Akkasuma suuraaleen hiriira mormii fi Vidiyoon sagalee dhaadannoo qaban kaleessa qoodamaa tureera. Akka miidiyaa hawwaasaan facaa’aa turetti Oromiyaa bakka hedduutti uummati lagannaa gabaa qofa osoo hin taane sagalee mormiis dhageessifataa jira.

Dhimma lagannaa kana ilaalchisee Biiroon Bulchiinsaafi Nageenya Oromiyaa ibsa kenneen iddoowwan garaagaraatti yaaliin uggura sochii daldalaafi geejjibaa irratti taasifame jiraachuu ibsuun tarkaanfii humnoonni nageenya mootummaa fudhataniin bakka tokko tokkotti hawaasni sochiifi hojiisaa eegaleera jedhe.

Baadiyyaattis ta’e Magaalaatti uummanni hojii misoomaa qabatamaarratti argama jedha ibsi Biiroon Bulchiinsaafi Nageenyaa kun.

Godinoota akka; Wallagga Bahaa, Horro Guduruu Wallaggaa, Shawaa Lixaa, Wallagga Lixaafi Magaalaa Naqamtee iddoowwan tokko tokkotti tajaajilli geejjibaafi daldalaa irratti uggurri taasifamuuf yaalameera jedhe.

Leave a Reply