Dhimma marii araaraa WBO fi mootummaa Itoophiyaa gidduu irratti MM Itoophiyaa Abiyyi Ahemad deebii kenne.

Walga’ii mana maree bakka bu’oota uummataa ta’amaa jiru irratti rakkoon nageenya Oromiyaa keessaa furmaata dhabuun akka komii guddaatti gaafatame. Kana malees mootummaan kun abbaa irree ta’uuf deema kan jedhu miseensota irraa gaaffii dhiyaateera.

Dhimma marii WBO waliin gaggeeffamaa tureef kan fuula duraa ilaalchisees Ministirri Muummee Abiy Ahimad Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataatti dhiyaatanii gaaffiilee dhiyaataniif deebiifi ibsa yoo kennan ”gowwummaan hin eeginaa filannoofi dimookrasiin malee qawweedhaan aangoo qabachuun hin danda’amuu”’ jedhan. Akkasuma meeshaa waraanaa isaanii lafa kahanii yoo marii araaraatti dhufan balballi keenya banaadha jedhan. Dubbiin muummichaa kun rakkoo waraanaa naannoo Oromiyaa kan furu osoo hin taane akkuma kanaan duraa qoccollaa yaadaa fakkaata. Adeemsa haasaa Abiyyi Ahemad kanaan WBO’n Qawwee lafa kaahee jennaan nagaan nii bu’a kan jedhudha. Maaltu Qawwee kaasise, maal fureen akkamiin rakkoo jiru hiikuun danda’ama kan jedhuuf deebii osoo hin laatin bifa tuffiin Qawwee lafa kaaha jedhan.

Kanaan dura haasaa isaa keessatti ajajaan ABO-WBO hogganni WBO Zoonii Lixaa Jaal Marroon mootummaan akka booji’amatti akka gallu fedha. Kunimmoo hin yaadamus kan jedhu irra deddeebiin dubbataa ture. Boojuu qabbanaa’aa akka booji’amnu fedha. Sun ammoo nu biraa hin argamu kan jedhu yaada Jaal Marroo ture.

Humnaan aangoo qabachuuf fedhiifi muuxannoon jiru, mariifi waliin dubbittii amanuu dhabuun, darbees marii nagaa rakkoo furuu danda’anitti danqaa uumuun muuxannoo Itoophiyaa hanga ammaa rakkoo ta’ee jirudha jechuun MM Abiy yaada isaanii ibsaniiru.

”Marii nagaa wajjin walqabatee, marii nagaa booda maaltu argame kan jedhu malee waraanicharraa maal arganne yeroo jedhamu hin dhagaahamu” kan jedhan Abiy, ”walitti bu’insa malee nagaa barbaadaa akka hin jirre agarsiisa” jedhan. Sababa kanaatti bakka adda addaa lolli jiraa jedhaniiru.

Itti dabaluun ”Marii Taanzaaniyaarratti hanqinni iftoominaa jira warra jedhaniif, erga marii egaallee wanta jiru uummata Itoophiyaaf waliigalasaa dhiyeessina jennee marii eegallee, booda maricharraa waan cuunfinee dhiyeessinu hin arganne,” jedha deebiin muummichaa.

Kana malees dubbii isaaniin “Namoota qabsoo WBO tti amananii eeganiin ”gowwummaan hin eeginaa filannoofi dimookrasiin malee qawweedhaan aangoo qabachuun hin danda’amuu” jedhan.

”Abdiin wanta qabatamaa hin taanerratti hundaa’uu hin qabu jechuun” qabatama amma biyya keessa jiruun jijjiiramni akka dhufe ibsaniiru.

Ammas rakkoon WBO waliin jiru karaa marii nagaa qofa furmaata akka argatu ibsan. Mariin kun ammoo waliigalteedhaan raawwatamuuf yeroo dheeraa fudhachuu akka danda’u fakkeenya mootummaan Kolombiyaa hidhattoota Faark jedhaman waliin godhu kaasuun ibsan.

Mariin riphee loltoota waliin godhamu yeroo fudhachuu danda’a jedhan. Walitti bu’insarraa bu’aan argamu hin jiru” jechuun qamni hunduu marii karaa nagaaf gahee isaanii akka bahan waamicha godhan.

Mootummaan gara abbaa irrummaatti ce’aa jiraa gaaffii jedhuuf yoo deebisan, ”seera-alummaan akka kanaa biyya deemokrasiin keessa hin jirretti hin dhufaayii? ” jedhanii gaafachun deebisan.

Biyyi shaakallii dimookrasii keessa waan jirtuuf seera-alummaan dhalatee jedhan. Itoophiyaa keessa walitti bu’insiifi lolli kan baayyeteef haala duraan biyyi itti bulaa turterraa ”haa jijjiirru” waan jedhameef jechuun deebisan.

Dhugaan jiru garuu biyyattii keessatti qaamoleef caasaan mootummaa dirqamaan uummata gidirsuu dabalatee sirnichi gara abbaa irreetti geddarameera.

Gara biraan deebii isaanii Itoophiyaa keessatti sababaa beelaan biyyattii keessaa namni du’e akka hin jirre kaasan. Hongeen mudachuu ammaa nii amana. Dhaabbileen mirga namoomaaf deggarsa uummataa irratti hojjetan biyyattii keessatti Beelli lubbuu namaa dabarsaa jiraachuu nii himu!

Leave a Reply