Oromiyaa keessatti haleellaan qillensarraa gaggeeffamaa jiraachuun gabaafame.

Lola Oromiyaa keessatti adeemaa jiruun hawwaasni nagaan miidhamuun itti fufuudhaan loltoonni mootummaa haleellaa qilleensaa raawwachuun uummata nagaarran miidhaa geessisuu hammeessuun himame.

Waraanni Bilisummaa Oromoo tibbana Wallagga Bahaa fi Shawaa Lixaa bakkeewwan hedduu keessatti tarkaanfii fudhataa jiru bu’uura godhachuun mootummaan haleellaa Diroonii gaggeessaa akka jirudha gabaasichi kan ibsu.

Haleellaa Diroonii kanaanis uummata nagaan ajjeefamaa akka jiran barameera. Humna qilleensaa fayyadamuun haleellaa mootummaan gaggeessu kanaan uummatni gaaga’ama ulaafataa keessummeessuuf saaxilamuu isaas gabaasichi cimsee eereera.

Tibbana dhuka’aawwan Diroonii Caccabaa Hafteesaa Lixa Shaggar Ona Tokkee Kuttaayee Fi Dirree Incinnii keessaa argamuu isaa kan himame yoo ta’u, haleellaan kun kan torban darbe keessa taasifame ta’uu akka hin oolles himameera.

Gama kaaniin odeefannoo keessoon facaafamaa jiruun mootummaan Itoophiyaa marii marsaa 3ffaa gaggeessuuf akka jiru ibsaa kallattii biraan ammoo waraanni guddaan uummatarratti banamee jira.

Kana malees mootummaan Itoophiyaa yeroo ammaa marii hawwaasaa jechuun guutummaa Oromiyaa keessatti caasaa isaa bobbaasuun leenjii kennaa akka jirudha gabaasaan arganne kan ifoomse. Leenjii kanaanis gaaga’ama waraanaan isa mudate damdamachuuf abbalaa jira kan jedhan namooti siyaasaa hedduun, caasaa isaa haamilee dhabanii jiraniitti haamilee horuuf kan akeekkatedha jedhu.

Loltoota hedduu Oromiyaa keessatti bobbaasuun lafoof humna qilleensaa irraan mootummaan haleellaa raawwataa wayiita jirutti waa’ee marii nagaa marsaa 3ffaa kaasuun miidhaa uummata nagaarra dhaqqabaa jiruuf xiyyeeffannoo akka hin laatamne yaadamee akka ta’e himamaa jira.

Haleellaa Diroonii kanaan miidhaan dhaqqabuun kan jalqabaa osoo hin taane guutummaa Oromiyaa keessatti miidhaawwan fakkaataan raawwatamuu isaa bara darberraa qabee gabaafamaa tureera.

Leave a Reply