Diddaan lagannaa gabaa fi uggurri sochii Oromiyaa keessatti adeemaa jiru hammaachuurraa UN miseensota isaaf ergaa of eeggannoo keessoon laate.

Uggurri geejibaa fi lagannaan gabaa hiriira mormii hawwaasaa makate Oromiyaa mara keessatti adeemsifamaa jira. Uggura sochii adeemaa jiruun tajaajilli geejibaa guutummaatti dhaabbachuun hojiin daldalaan dhorkamuu isaati kan odeefanne. Akka maddeen odeeffannoo keenya jedhanitti; uggura Dilbata galgalaa qabee adeemaa jiru har’a daranuu jabaachuun kan kaleessaa olitti uggurri adeemuu isaa himameera.

Konkolaattoota sochii ugguraa taasisan daandii irratti gubataa akka jiranis Vidiyoon waraabamee fi suuraaleen adda addaa bahan mirkaneessaa jiru.

Kana malees lagannaa gabaaf uggura sochii cinatti mormiin dhageessifamaa jira. Dhaadannoowwan dhageessisaa, hawwaasni baayyinaa akkaann hedduu ta’an osoo mul’atanii Vidiyoon agarsiisu qoodameera.

Dhadaannoon biyya keenya hin laannu jedhus irraa nii dhagaa’ama. Maddeen hin mirkaneeffanne irraa bakki hiriira mormii hawwaasa bal’aan adeemsifamaa ture Shawaa Kaabaa Salaalee akka ta’e ibsame. Salaalee keessaa eessa akka ta’e garuu fayyadamtoonni miidiyaa dhimmicha qoodan waan eeran hin qaban.

Dhimma kana ilaalchisuun torban darbe keessa UN Hojjetooti isaa sochii kam irraayyuu akka ofqusatan xalayaa keessoon beekisuu midiyaan #Ethio_Fourm madda isaa eeruun gabaasee jira.

Sochii ugguraa kanaan mootummaan hawwaasni akka sochiitti deebi’uuf yaalii taasisuu jabeesseera. Magaalota hedduu keessatti Suuqiiwwaniif manneen daldalaatti waraqaa samsameera jedhu maxxansuurraa hanga sagale guddiftuun bahaa hojii hojjedhaa jedhanitti gahaa jiraachuu mirkaneeffanneerra.

Sochiin uggura Geejibaa akka maddeen himaa jiranitti dhaabbatee kan jiru; Jimmaa gara Finfinnee; Naqamtee gara Finfinnee fi Shawaa Kaabaa keessa ta’uu himameera. Bakkeewwan akka daandii Jibuutis uggura jala akka jiran eerameera.

Leave a Reply