Human Rights Watch mootummaan Itoophiyaa gaggeessitoota paartilee mormituu hidhaan dararaa jira jechuun himate.

Dhaabbanni mirga namoomaaf falmu Human Rights Watch “Mootummaan Itoophiyaa qondaala olaanaa ABO obbo Battee Urgeessaa dabalatee miseensota paartilee mormitootaa dararaa jira jedhe.

Ji’a Guraandhalaa keessa humnoonni nageeyaa mootummaa qondaala siyaasaa Adda Bilisummaa Oromoo obbo Battee Urgeessaa to’annoo jala oolchuu hordofee Kaleessa Bitooteessa 4 bara 2024 ibsa kan baase Human Rights Watch, “mootummaan Itoophiyaa miseensota paartilee mormitootaa seeraan ala hidhaafi dararaa jiraa” jedhe.

Qondaalli siyaasaa Battee Urgeessaa to’annoo jala kan oolan battala afgaaffii gochuuf gaazexeessaa Faransaay Antoniyee Gaalindoo waliin Finfinneetti wal arganitti.

Gaazexeessaan kun Guraandhala 29 bara 2024 kan gadhiifame yoo ta’u, obbo Batteen himata Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) waliin hidhata qaba jedhuun gara mana hidhaatti deebifamaniiru.

Obboo Battee Urgeessaa kanaan duras mana hidhaa keessa kan turan yoo ta’u, rakkoo fayyaa ulfaataa isaan mudate booddee gadhiifamanii turan.

Akkasumas, qondaalonni olaanoo Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) torba Bitooteessa 2021 keessa to’annoo jala oolan biroo kan manni murtii bilisa jedheen hanga yonaatti too’annoo poolisii jalatti argamu.

Sarabama mirga namoomaa loltoota mootummaan raawwatamu dhaabbileen mirga namoomaaf falman irra deddeebiin himaa turaniiru. Akkasuma yakki dhiittaa mirga namoomaa akka dhaabbatu gaafataa turanis inumaa haalli kun hammaachuurraa kan hafe furmaata argamsiise hin qabu.

Leave a Reply