Guutummaa Oromiyaa keessatti uggurri geejibaa labsame hiriira mormii makachuun hojiitti hiikamaa jira.

Labsiin uggura geejibaa kaleessa jechuun Amajji 28,2024 irraa kaasee akka hojiirra oolu Qeerroo Bilisummaa Oromoon hojiitti hiikamaa jira. Uggura kanaan magaalaa Finfinneetti meeshaaleen murteessoo ta’an Oromiyaa keessaa akka hin geejibsiifamne taasifamaa jira.

Labsii kana cabsuun konkolaattoota sochii taasisaa jiran irrattis adabbiin taasifamaa akka jiru himameera. Waamicha labsii ugguuraa fudhachuun kanneen hojiirra oolchan tokko tokko irratti ammoo caasaan mootummaa waraqaa samsameera jedhu manneen daldalaa irratti maxxansaa akka jirus odeeffanneerra.

Tarkaanfiin mana hojii hawwaasaa ugguruuf samsuu caasaa mootummaan fudhatame magaalaa Naqamtee dabalatee bakkeewwan hedduutti mul’ateera.

Akkasuma labsii uggura sochii kanaa hojiitti hiikuun bakkeewwaan hedduutti hiriirri mormii mootummaa Itoophiyaa adeemsifameera. Dhaadannoon dargaggoota Oromoon taasifamaa turuu Viidiyoon waraabamee miidiyaa hawwaasaa irratti qoodamaa ture ragaa baha.

Uggurri sochii geejibaa kaleessa eegale kun bakkeewwan akka Naqamtee,Amboo, Shawaa Kaabaa, Walisoo, Baha Oromiyaa, Gimbii, DambiDoolloo dabalatee bakkoota hedduutti hojiitti hiikameera.

Leave a Reply