Haleellaa lammiilee nagaa Oromoo irratti Somaaliyaa keessatti mudateef biyyattiin Alshabaabitti quba qabde.

Tibbana Somaaliyaa keessatti ilmaan Oromoo ajjeefamuu gabaasaaleen ibsaa jiran. Akka gabaasaaleen himanitti ajjeechaa kanaan lammiileen 7 ajjeefamuun 6 madaa’an.

Haleellaa kana loltoota uffata Dambii Somaaliyaa qabantu raawwate jedhamuun himama ture. Ta’us gabaasni har’a bahe akka akeeketti Somaaliyaan halellaa san of irraa dabsuun gara Alshabaabitti quba qabdeetti. Haleellicha Alshabaabtu raawwate kan jette Somaaliyaan gaafatama jalaa of baasuuf waywaataa waan jirtu fakkaata.

Gabaasaan arganne kun akka eeretti Lammiileen Itoophiyaa torba tahan Kibba Somaaliyaa naannoo Geedoo bulchiinsa Balaad Hawoo jedhamtu keessatti hidhattootaan ajjeefamuu jiraattotniifi qondaalonni mootummaa Somaaliyaa himuu eere.

Itti aansuun haleellaan kun Guraandhala 4 bara 2024 Somaaliyaa bulchiinsa Balad Hawoo jedhamu keessatti raawwachuu ibsuudhaan namoota ajjeefaman kanneen keessatti dubartoonnis akka argaman caqaseera

Qodaalli mootummaa Somaaliyaa Balad Hawoo ”Mana irra deemuun qawween ajjeesan. Garuu eenyu ajjeechicha raawwate kan jedhu qorachaa jirra malee eenyu akka tahe hin barre.” Jechuun miidiyaaleef himan.

Ajjeechaa halkan raawwate kanaaf qondaalli Somaaliyaa kun hidhattoota Alshabaabtu raawwachuu mala jechuun himan.

Erga Itoophiyaafi Somaaliilaand Amajji 1, 2024 Itoophiyaan ulaa galaanaa akka argattuuf waliigaltee wal hubannoo walii mallatteessanii as muddamni biyyoota lameen gidduu haalaan dabaleera.

Lammiileen Itoophiyaa Somaaliyaafi Somaaliilaand keessa jiraatanis sodaafi yaaddoo guddaaf saaxilamaniiru. Hedduun ammoo bakka dahannoo isaanii keessaa baafamuuf dirqaman. Haleellaan adda addaas baqattoota Oromoo Somaaliland jiraatan akkasuma kanneen Somaaliyaa keessa jiran irratti hammaachuutu himama.

Balaan ulaa galaanaa Muummee Ministeera Itoophiyaa fi Hogganaa Somaliland dhalateen lammiileen nagaan gaaga’amaaf saaxilamuu irra deddeebiin gabaafama.

Leave a Reply