Waraana Bilisummaa Oromoo waliin marii taasisuuf ammallee mootummaan yaada qaba jedhame.

Mootummaan marii nagaa Waraana Bilisummaa Oromoo waliin jalqabe marsaa sadaffaaf itti fufuuf qophiidha jedhan pirezidaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa.

Obbo Shimallis xumura walgahii Koree Hojii Raawwachiiftuu fi Koree Gidduugaleessaa Paartii Badhaadhinaa irratti miidiyaa mootummaa federaalaa kan ta’e EBCtti akka himanitti, mootummaan marii nagaa WBO waliin jalqabe marsaa sadaffaaf itti fufuuf qophiidha jedhan.

Mootummaa Itoophiyaa fi WBO gidduutti mariin nagaa marsaa lamaan Taanzaaniyaatti gaggeeffame waliigaltee malee xumurame.

Pirezidaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa mariin nagaa jalqabee karaatti dhaabbate ”fedhii ykn gaaffii heera maleessa tahe dhiyaateen’’ adda cite ture jedhan.

Yaada kana WBO’n hin fudhatu. ABO-WBO ibsa marii gufachuu ilaalchisee baasee tureen mootummaan araaraaf qophii hin turre, fedhii nagaa buusuu hin qabu jedhee ture.

Tibbana Obbo Shimallis gaaffii heera qabeessa hin taane WBO dhiyeesse tokko lamaan ibsuu baatanis, ”gaaffii heeraan alaa’’ dhiyeessan dhiisuun akkaataa heera biyyattiitiin ”karaa nagaa akka qabaatan’’ waamicha goona jedhan.

Waraanni Bilisummaa Oromoo dhimma marii nagaa marsaa sadaffaa adeemsifamuu danda’a jedhamu ilaalchisee hanga ammaatti waan jedhe hin jiru.

Marii marsaa jalqabaa Taanzaaniyaa Oddoola Zaanzibaar irratti taa’ame irratti ”wal hubannaa gaariin jiraatullee waliigaltee malee xumurame.

Marii marsaa lammataa kan Daari essalaamitti gaggeeffamaa ture waliigalteen xumurama jechuun hedduu abdatamaa kan ture osoo hin milkaayin hafe.

Ergasiis mootummaas ta’e WBOn qabxii irratti waldhaban qixa iftoomina qabuun ibsuu baatanis, gaaffii WBO’n dhiyeesse guutuuf fedha dhabuu mootummaatiin gufate.

Leave a Reply