UK fi Ameerikaan tibbana tarkaanfii waraanaa hidhattoota Huutii irratti fudhachuu gabaafamaa ture. Gama isaaniin gaggeessitoonni Huutii haleellaan kun irratti gaggeeffamuu ibsaniiru.

Tarkaanii US fi UK kanaanis hidhattoonni Huutii miseensoonni shan yoo ajjeeffaman kan biraa jaha irra ammoo miidhaan qaqqabuu gaggeessitoonni Huutii beeksisaniiru.

Dubbii Himaan waraana garichaa Yaahyaa Saaree akka jedhanitti, waliigalatti US fi UKn haleellaawwan 73 raawwataniiru.

Dubbi Himichi TV irratti wayita dubbatanitti, haleellaa halkan taasifame kanaan ”gocha dubbii barbaachaa ifaadha” jechuun dubbatan

Gama kaaniin ammoo hogganaan hidhattoota Huutii Mohaammed al-Bukhaayitii haleellaa biyyoota Lixaa irratti gaggeefame hordofee US fi UK akeekkachiisaniiru. Biyyoota kanaan Yaman irratti haleellaa banuun ”seenaasaanii keessatti maraatummaa olaanaa ta’uu dhiyootti ni hubatu” jedhan.

”Ameerikaa fi Biriteen muuxannoosaanii amma duraarraa bu’aa akka hin arganne osoo beekanii Yaman irratti waraana banuun dogoggora hojjetaniiru” jechuun X gubbaatti maxxansan.

Ammaan tana addunyaan filannoo lama qofa qabaa kan jedhan hogganaan hidhattoota Huutii kun ”yookan miidhamtoota duguggaa sanyii irra gahe waliin dhaabachuu ykn warra badii san dalagu waliin hiriiruudha” jedhan.

Ibsa dubbii himaan hidhattoota kanaa kennan jedhameen ammoo Huutiin dooniiwwan Israa’el waliin hidhata qaban kamuu haleluu akka itti fufu ibsameera.


Tarkaanfii waraanaa kana ilaalchisuun Sa’uud Arabiyaan yaada kennattee jirti. Sa’ud Arabiyaan haleellaa US fi UKn waliin ta’uudhaan Huutii kan Yeman keessaa irratti banuu hordofee “of eeggannoon akka jiraatuuf, akkasumas dubbii hammeessuus akka dhiisaniif” waamicah goote,

Sa’ud Arabiyaan bara 2015 irraa kaastee haleellaa boombii Huutiirratti gaggeefamu dura bu’ummaan gaggeessaa kan turtedha.

Ejensiin Pireesii Sa’ud Arabiyaa akka jedhetti, biyyattiin oppereeshinii kana “yaaddoo guddaadhaan” ilaalaa jirti.

Sa’udiin tokkummaa biyyoota Arabootaa Huutii buqqisee mootummaa Yaman Sa’udiitiin deegaramu deebisuuf duula gochaa turte. Mootummaan Yaman Sa’udiin deeggaramu garuu warra Huutiitiin aangoorraa ari’ameera.

Duulli haleellaa boombii Sa’iduun durfamu namoota 20,000 kan galfate yoo ta’u, isaan keessaa walakkaan daa’immanidha akka gabaasa UNtti.

Sa’ud Arabiyaan michuu jabduu US fi UK yoo taatu, isaan ammoo meeshaa waraanaa dhiyeessuuf.

Waraana Israa’el fi Gaazaa gidduutti dhalateen wal qabatee addunyaarratti dhageettii kan qabaniif biyyoota dureeyyii keessaa tarree duraa irra kan jiran UK fi Ameerikaan ilaalchaan gama Isiraa’el yoo dhaabbatan dhagaa’amaa ture. Tibbana garuu kallattiin gartuu sanatti seenuun waraanatti jalqabuu hin oolle. Biyyoonni Arabaa hedduun fi kanneen akka Egypt ammoo gara Hamaas goruun waraana hololaaf kaan keessaatti hirmaataa jiru. Huutiin deggaraa waraana Hamaas gurguddoo keessaa isa tokkodha.

Leave a Reply