Hogganoonni Itoophiyaa fi Somaaliyaa tibbana gara Keeniyaa imalanii akka jiran gabaasaaleen hubachiisan.

Ataakaaroo yaadaa irra kan jiran gaggeessitoonni Itoophiyaa fi Somaaliyaa gara Keeniyaa imalanii jiraachuu gabaasame. Muummee Ministeera Itoophiyaa Abiyyi Ahemad dursanii gara Keeniyaa kan imalan yoo ta’u, Peresedaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad Kaleessa gara Keeniyaa imaluu eerame.

Gidduu kana marii irra kan jiran MM Itoophiyaa Abiy Ahimed fi Wiliyaam Ruutoo hariiroo isaanii cimsuuf walii galtee mallatteessaniiru jedhame.

Kibxata darbe daawwannaa hojiif gara Keeniyaa, Naayiroobii kan imalan Ministirri Muummee Abiy Ahimad, marii Pireezidaantii Keeniyaa Wiliyaam Ruutoo waliin taasisan booda waliigalteewwan torba mallatteessuu ibsa waloo kaleessa baasaniin beeksisaniiru.

Waliigalteewwan mallattaa’an kunneen, damee misooma aadaa, turizimii, diinagdee, tajaajila mana amala sirreessaa, boba’aa, misooma anniisaa, fi ijaarsa dandeettii kan hammate ta’uu ibsameera.

Hoggantoonni lamaan ibsa waloo kennaniin, guddina hawaas-dinagdee guutuu fi Ajandaa Gamtaa Afrikaa 2063 dhugoomsuuf tattaaffii taasifamu keessatti qonna, qurxummii, geejjibaa, ICT, fayyaa fi bosona dabalatee dameelee biroo irratti tumsa biyyoota lamaanii guddisuuf kutannoo qaban irra deebi’anii mirkaneessaniiru.

Guyyoota sadan darbaniif Keeniyaatti daawwannaa hojii taasisaa kan turan MM Abiy Ahimad daawwannaa kan biraaf har’a waaree boooda gara Taanzaaniyaa ni imalu jedhamee eegama.

Kun ta’ee Pireezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad kaleessa Keeniyaa galanii jiran. Pireezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad kaleessa waaree booda Keeniyaa, Naayiroobii galan. Wayita buufata xiyyaaraa Jomoo Keeniyaattaa gahanis Pireezidaantii Itti-aanaa Keeniyaa Rigaatii Gaachaguwaatin simatamaniiru.

Hasan Sheek Mohammad har’a Keeniyaa kan galan Yaa’ii Eegumsa Naannoo Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii 6ffaa irratti hirmaachuuf yoo ta’u, daawwannaa hojiif achuma Naayiroobii kan jiran MM Itoophiyaa Abiy Ahimad waliin walarguun kan mari’atan ta’uu fi dhiisu isaanirratti garuu wanti ibsame hin jiru.

Jalqaba baatii Amajjii keessa Itoophiyaa fi Somaalilaand waliigaltee ulaa galaanaa mallatteessuu isaanii hordofee mootummaan Somaaliyaa “waliigaltichi abbaa biyyummaa fi tokkummaa Somaaliyaa kan sarbeedha” jechuun mormaa turuun ni yaadatama.

Leave a Reply