Lixa Oromiyaa bakkeewwan hedduu keessatti namooti nagaa ajjeefamaa jiraachuu manneen hawwaasaas gubachuu maddeen odeeffannoo eeraa jiru.

Lixa Oromiyaa bakkeewwan Godina Qellem Wallaggaa aanaa Gidaamii, lixa Wallaggaa aanaa Qilxuu Kaarraa fi Begii keessatti namni ajjeefamuu fi manneen qonnaan bultootaa gubachuu,   saamamuu hidhaan jiraattota irratti raawwatamuu odeeffannoon arganne ibseera.

Gabaasichi akka eeretti Guraandhala 5,2024 Godina Qellem Wallaggaa aanaa Gidaamii ganda Soyii Gamichee keessatti qonnaan bulaa maqaan isaa Jamaal Raagaa jedhamu duraa qabeenyi akka hedduun saamamuu himame. Kanaanis Loozii kuntaala 4, Boqqolloo fi Basingaa kuntaala 7 ta’u nama kana jalaa saamamuu isaa himameera. Saamicha kanas waraanni mootummaa raawwachuu caqafame.

Itti dabalees aanaa Begii ganda Xiilloo iddoo addaa Abaccar jedhamutti  barsiisaa Addunyaa Maahammad jedhamu jalaa mana yoo guban, Aburaayi Guddataa mana lama, Guddinaa shaafe Goloo mana keessatti ibiddaan gubuun yeroo ammaa du’aaf jireenya gidduutti akka argaman ibsuun, Maammad Galataa kan jedhamu ammoo reebicha hamaa irratti raawwatameen yeroo ammaas hospitaalaatti yaalamaa jiraachuu fi maallaqa hedduus jalaa saamuu ibsameera. Taatee kanaafis waraana mootummaa himata hawwaasni.

Akkasuma guyyaa kaleessaa jechuun Guraandhala 8,2024 Wallaggaa Lixaa aanaa Qilxuu Kaarraa keessatti ganda Waanddii Daaallee bakka addaa Dooyyoo jedhamutti waraanni mootummaa magaalaa aanichaa Qilxuu Kaarraa irraa ka’uun gara gandichaa imaluun manneen qonnaan bultootaa gubanii barbadeessuu jiraattota wabeeffachuun Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa gabaaseera.

Odeefannoo wal fakkaataan Amajjii 7,2024 godina Wallaggaa Lixaa aanaa Qilxuu Kaarraa bulchinsa magaalaa Qilxuu Kaarraa irraa waraanni PP sochii taasisuun aanaa Mana Sibuu ganda  Laafto Salgaa jedhamuuti dargaggoo maqaan isaa Boonaa Kifiluu Hirqituu jedhamu qabuun gara aanaa Qilxuu Kaarraa ganda Guyyoo Saccii jedhamutti geessuun rasaasaa ajjeesuu isaaniitu himame.

Akka jiraattotni jedhanitti  sochiin waraanni PP onicha keessatti taasisaa jiru jabaatee namoota jalaa qabeenyaa saamuu, hidhuu fi ajjeesuun cinatti namoota hedduu irratti reebicha taasisaa jiraniin sarbaminsi mirgoota namoomaa ta’aa jiruun namootni hedduun qaama hir’uu ta’aanii hiraarfamaa akka jiran dabaluun himaniiru

Godinichuma aanaa Baabboo Gambeel keessatti Guraandhala 8,2024  Waraanni PP ganda Kutaallaa Kussii jedhamu keessaa  jiraataa  obbo Imaanee Nagawoo dheengaddaa Guraandhala 7,2024 ganda Anbaalloo bakka addaa Oomee jedhamuu lafa qonnaa isaatii qabuun dararaa erga turaniin booda guyyaa kaleessaa  ajjeesaniru jedha odeeffannoon arganne.

Obbo Imaaneen hojjetaa wangeelaa ta’uun ala badii tokko illee akka hin qabne kan himame yoo ta’u; loltoota mootummaan ajjeefamuu isaa gabaafamee jira.

Oromiyaa keessatti ajjeechaa, manneen hawwaasaa gubuu fi hidhaaf hiraarsaa ulfaataan uummatarra dhaqqabu ammallee akkuma itti fufetti jira.

Leave a Reply